• ADMIN

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Ona Waamaa Hagalootti, Humnooto Weerartuu PP Haleele.



[SQ Amajjii 23/2022]


Godina Wallagga Bahaa Ona Waamaa Hagaloo bakka addaa Waarshaa Sukkaaraa (Waamaa Kusaayee) jedhamuun beekamutti lolli cimaan humnoota weerartuu Bilxiginnaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti deemaa ooluu fi muurna PP baay'inni ishee dhibbootaan lakkaa'amu guutummaatti WBOn barbadaa'uus ajajaan WBO konyaa sanaa beeksise.


Haleellaa jajjabduu gootichi abdii saba Oromoo humnoota badii kana irratti gaggeesseen, generaala tokko, ajajoota ol'aanoo afurii fi loltoota dhibbootaan lakkaa'aman guutummaatti biyyee nyaachisuunis ifoomeera.


Lolli kun torbanoota kana keessa akka malee deemaa kan turee fi sanumaanis gama waraana Bilxiginnaatiin heedduun galaafatamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.



WBOn Haa Waaru!

218 views0 comments

Recent Posts

See All